![]() Dhimma jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti Oromoon sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan. Nuti maxxansitootni kan keessa qabnu gulaala dogongora qubee dabree dabree mul’atuufi maxxansaa qofa malee, qophiin isaa kan sab-boontoota ilmaan Oromoo tahuu isaa osoo hin hubachiisne bira hin tarru.īarbaachisummaan barreeyfama kanaa bal’inaan seenaa irratti waan kaa’amee jiruuf, Oromoon ani eenyu? Maddi koo eessa? Daangaan koo eessa? Firaafii diinni koo eenyu kan jedhu hundi haala gahaatiin deebii quubsaa akka argachuu dandayu shakkii hin qabnu. Dhibbaa alagaa bitamuu waggaa dhibbaa Oromoo irra turuurraa kan ka’e hedduun ummata Oromoo har’a Oromummaa isaa haa beeku malee, seenaa ummanni kun keessa dabree as ga’e ragaa qorannoon deggaramee barreeyfame irraa wanti inni hubatu baay’ee xiqqaadha.Īmmaas tanaan seenaa ummaata guddaa kanaa guutumatti barreeyfamee jira jachuu utuu hin ta’in gaaffiilee Oromoon tokko ofgaafatuufiis tahee, seenaa dharaa diinni Oromoo irratti odeessuuf deebii ga’aa ni taha waan jedhamuuf kunoo seenaa Oromoo kan sab-boontoota ilmaan Oromootiin haala rakkisaa keessaaa barreeyfamee, akka ummaata keenya gargaaruuf asirratti maxxansine.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |